
(Madda Oduu ABO/MOA/ Sudan, Amajjii 06/ 2010) Waldaan Barattoota Oromoo biyya Sudaanitti argamu ayyaana Amajjiifi guyyaa WBO sirna hoo’aan kabajee ooluun gabaasame.
Maddi Oduu ABO, MOAn, akka gabaasetti barattooti Oromoo Yunivarsitii Afrikaa keessaa baratan dhiibbaafi hordoffiin diinaa isaanitti jabaatuyyuu, Ayyaana Amajjiifi Guyyaa WBO haala addaan bakka dhossaatti ummata Oromoo achitti argaman wajjiniin akka gaariitti kabajatanii jiran.
Yeroo kanas barattooti kunneen dhimma biyyaa irrattis dubbaachuudhaan ibsa ijjennoo qabxii 5n qabu baafatan keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo karaa danda’an maraan akka gargaaran mirkaneessanii jiru.
Waldaan Barattoota Oromoo biyya Sudaan kun ibsa ejjannoo Ayyaan Amajjiin daheeffatee baase kanaan, saamicha qabeenya Oromiyaa irratti gageeffamuufi miidhaa ummata Oromoo irra gahaa jiru balaleffatee jira.
Ibsa ejjannoo kun itti dabaluunis, Oromoon marti bakka jirutti harka walqabatee dhabama qabeenyaafi dhaloota dhufuu baraaruuf, hiree isaa ofiin murteeffachuuf walijaaree qabsoo isaa akka finiinsu gaafatee jira.
“Nuti sochii keenya ergii eegallee waggaa 4 ta'eera,” kan jedhe dhaamsi barattoota Oromoo MOA gahe kun, haala rakkisaa Sudaan keessa jiru irraa kan ka’e sochii isaa karaa maraan fininsuu akka hanqate eeree jira.
“….hacuuccaa hedduutu nurra jira; ammasa nurraa waan bu'e tokko hin qabu. ‘Ani manaa si baqannaan alattis na'eeddee,’ akka jedhamu, kan biyyaa baqannee asis nu duukkaa dufe. Garuu nuti hin jilbeefannuuf malee,” jedhee jira.
"Baddu ni baddi malee saree ija hin dhiqan,” kan jedhe dhaamsi barattoota Oromoo biyya Sudaan tun, “nuti niwareegamna malee alagaaf hin ciisnu; isaanis yoom nuuf ciisan?” jedhee gaafatee jira.
“Kanumaaf jennaan ammayyuu qabsoon dhaaba keenyaan geggeefamaa jiru itti fufa,” kan jedhe dhaamsi barattoota Oromoo kun, “Alagaan nuuf hinciisne; nutis alagaaf hin ciisnu,” jechuun cichoomina qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuuf qaban mirkaneessanii jiru.
Dhuma irrattis, “maaliif osoo jirruu akka nama hin jirree taana? Nuti Oromoon eenyuun gadi?” kan jedhe dhaamsi barattoota Oromoo biyya Sudaan kun, “Gama dhaabaatiin hojii fi dirqama nutti laatamu fudhachuu fi hojii irra oolchuuf nuti qophii dha,” jedhee jira.
MOA